Dhiibbaa ifatti mul’atuufi dhokataa ta’een Afaan isaaniin uummata fuulduratti dubbachuu dabalatee, eenyummaa isaanii akka barbaadanitti ibsachuuf danqaaleen garagaraa turan.
Maddi rakkoo kanaas ‘aadaa baratamaa biyyaalessaa’ mul’isuu dhabuun qeeqa namootarraa dhiyaatu sodaachuurraa kan kahe ture.
Haa tahu malee, ofitti amanamummaan eenyummaa ofiifi aadaa ofiin boonuu dhaloota ammaa keessatti dagaagaa dhufe, faashinii uffata aadaan mul’achuu eegaleera.
Ayyaanni Irreechaa waggaa waggaan Birraa barii kabajamu ammoo, kana agarsiisuuf waltajjii isa olaanaafi namuu kan si’aayinaan eeggatudha.