Dizaayinarootni biyya keessaa kanneen akka Antiko Design, uffata aadaa Oromoo duraan turerraa kahuun, ammayyeessanii midhaassu.
Haalluuwwan uummata Oromoo ibsan keessaa diimaa, gurraachaafi adiin, huccuu gosa hedduu irratti muldhatu.
Suuraa armaan olii kanarratti, kittaan warri dhiiraa uffataniifi adda-jaleen mataarra maratan hawaasa biratti durumayyuu kan baratame oggaa tahu, kan shamarran irra keessaan uffatan garuu ammayyaawee kan tolchamedha.
Siinqeen ammoo dubartoota Oromoo dhaanamuu, arrabsamuufi akka malee tuqamuu irraa eegdi – gaachana dubartiiti.